Finfinnee, Caamsaa 7, 2016 (FBC) – Mariin siyaasaa Paartii fi Paartii, Paartii Badhaadhinaa fi ABUT gidduutti yeroo 3ffaaf har’a Caamsaa 7, 2016 Magaalaa Maqaleetti gaggeeffameera.
Marichaan qajeeltoo hariiroo Paartii fi Paartii kana dura irra ga’ame yaadachuun adeemsa ajandaa olaanaa marii adda baasuu xumuramuun, akkaataa duraa duuba ajandaalee hordofuun erga mari’atanii booda waliigalteerra ga’amuu ibsameera.
Ajandaan duraa nageenya waaraa mirkaneessuu waliin kan walqabatu yoo ta’uu, dhimmoota ijoorratti tartiibaan mari’achuun paartiileen lamaanuu nageenya waaraa mirkaneessuuf murannoon hojjechuuf waliigalaniiru jedhame.
Akkasumas:-
1.Walitti bu’iinsa tibbana Raayyaatti uumamee ilaalchisee bal’inaan mari’achuun, taatichi adeemsa nageenya waaraa mirkaneessuu eegalameen faallaa ta’uu waliigalameera.
2.Dhimmoota kamiiyyuu karaa nagaa fi mariin furaa deemuuf qaamoleen lamaanuu qooda siyaasaa isaanii ba’achuuf murannoo qabaachuu waliigalaniiru.
Hojiin kominikeeshinii kamiiyyuu qabiyyeewwan walitti bu’iinsa kakaasan irraa bilisa ta’uu akka qaban waliigalameera.
3.Haala walitti bu’iinsa uumuu danda’an kamiiyyuu waliin ittisuu fi yoo uumamanis saffisaan to’achuuf murannoon hojjechuuf waliigalaniiru.
4.Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa hojiitti hiikuuf hojiileen hojjetaman caalmaatti akka milkaa’aan haala siyaasaa mijataa uumuuf paartileen lamaanuu itti gaafatamummaa isaanii ba’uuf waliigalameera.
Yeroo itti aanu ajandaalee biroorratti mari’achuuf waliigaluun mariin har’aa xumurameera.