Mariin sirna Bittaa fi gurgurtaa diijitaalaa biyyaalessaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 12, 2015 (FBC) – Mariin sirna Bittaa fi gurgurtaa diijitaalaa biyyaalessaarratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Inistiityuutiin Ce’umsa Qonnaa fi Ministeera Daldalaa fi Walitti hidhamiinsaa naannawaa Biiroolee misooma Gabaa naannolee waliin ta’uun sirna odeeffannoo qindaawaa misoomsaniiru jedhame.

Yeroo ammaas sirni Bittaa fi gurgurtaa diijitaalaa misoomsuu marsaan duraa xumuramuun fayyadamtootaa fi qooda fudhattoota waliin hojiin yaada funaanuu gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.

Kaayyoon sirna odeeffannoo gabaa, odeeffannoo guutuu fi sirrii oomishaalee qonnaa qaamolee dhimmi ilaallatuuf qaqqabsiisuun sirni bittaa fi gurgurtaa odeeffannoo bu’uura taasiise akka raawwatamuuf ta’uu eerameera.

Haaluma kanaan yeroo ammaa wiirtuuwwan daldalaa 311 irraa oomishaalee qonnaa 19 torbanitti ragaa gabaa walitti qabuun sirrummaa isaa erga mirkaneessee booda fayyadamtootaaf qaqqabsiisaa jiraachuu himameera.

Addisuu Muluunehitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment