Mariin sadeenii Hidha Haaromsaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaatin gageeffamuu daandii furmaataa sirrii ta’uu Chaayinaan ibsite

Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC)- Mariin ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichi Ityoophiyaa mariisisummaa Gamtaa Afrikaan gaggeeffamuu daandii furmaataa sirrii ta’uu Ityoophiyaatti itti aanaan hogganaa Imbaasii Chaayinaa Zhii Tiyaan himaniiru.

Zhii Tiyaan Chaayinaan barbaachisummaa ijaarsa hidha haaromsaa haalan ni hubatti jedhaniiru.

Mariin sadee gama Gamtaa Afriikaan adeemsifamuus furmaataaf daandii sirriidha; adeemsa marichaafis deeggarsa barbaachisuu hundaa ni taasifti jedhan.

Adeemsi marichaas furmaata argachuuf daandii sirrii ta’uu himuun, Chaayinaan rakkoowwaanii fi dhimmoonni Afriikaa, furmaata Afriikaa akka argataniif ni deeggartis jedhan.

Chaayinaan marii sadee gidduseentummaa tokkoo malee taajjabdummaa Gamtaa Afrikaan adeemsifamu furmaata waaraa akka fiduuf kan deeggartu ta’uu himuu isaanii ragaan Addis Zamaan irra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment