Finfinnee, Bitootessa 23, 2013 (FBC) – Mariin Sadee Hidha Haaromsaa gaggeessuumma dura taa’aa Gamtaa Afrikaan Sanbataa fi Dilbata dhufu ni eegalama jedhan Dooktar Injiinar Silashii Baqqaalaan.
Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqaalaan, mariin sadee adda cite ture xummura torbee kanaa mariisiisummaa dura taa’aa Gamtaa Afrikaa haaraa preezdaantii Diimookraatawaa Rippaablika Koongoon gaggeeffama jedhan.
Marichi kan gaggeeffamu gaaffii preezdaantiin Diimookraatawaa Rippaablika Koongoo ministiroota dhimma Alaa fi Bishaanii biyyoota sadaniif dhiyeessaniin ta’uu Dooktar Injiinar Silashiin fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.