Mariin sadee Hidha Haaromsaa mana maree nageenyaan osoo hin taane gamtaa Afrikaan ilaallama – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2013 (FBC) – Mariin sadee Hidha Haaromsaa Mana Maree Nageenyaan osoo hin taane gamtaa Afrikaan kan ilaallama ta’uu Itti Aanaan Muummeen Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin dubbatan.

Obbo Dammaqaan Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomaatoota biyyoota yaa’a laga abbayyaa teessoo isaanii Finfinnee taasiisan waliin mari’ataniiru.

Ijaarsi Hidha Haaromsaa biyyoota yaa’a gadii haala hin miinee kan ijaarramuu fi proojektii waloo ta’uu ibsaniiru.

Sudaanii fi Gibtsi haala hin barbaachiifneen dhimma hidhichaa gara Mana Maree Nageenyaa fi Liigii biyyoota Arabaatti fudhachuun idil addunyaa fi dhimma nageenyaa taasiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan sochii ga’ee Gamtaa Afrikaa xiqqeessuu eegalan dhiisuun dhimmicha gara Gamtaa Afrikaatti akka deebisanii fi adeemsa bara kolonii dhaabuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Haala mariin sadee Hidha Haaromsaa irra jiru Ambaasaaddarootaa fi Dippiloomaatoota biyyoota kanneeniif ibsa taasiisuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment