Mariin sadee Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 4ffaan eegale

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC) – Mariin sadee Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 4ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Marichi dambiiwwanii fi qajeelfamoota gadi lakkisaa fi guutinsa bishaan Hidha Haaromsaa irratti waliigalteerraa ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu Dursaan Garee Mari’attoota Itiyoophiyaa Dooktar Silashii Baqqalaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Marsaawwan darbaniin mariiwwna gaggeeffamanii fi dhimmootaa garaagaraarratti waliigalteerraa ga’uuf kan xiyyeeffatamu ta’uu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan bara 2015 sadarkaa dureewwaniitti ibsa waliigaltee qajeeltoowwan mallatteessitee bu’uureffachuun marichaan waliigaltee fayyadamummaa haqa qabeessaa fi sababa bu’uureffateerra ga’uuf kan hojjettu ta’uu akeekaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment