Mariin sadee har’a gaggeeffamuuf ture torbee tokkoof dheerate

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Mariin sadee guutinsa bishaan Hidha Haaromsaarratti har’a gaggeeffamuuf tura gaaffii Sudaaniin torbee tokkoof dheerachuu himame.
 
Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii ibsa baaseen, biyyoonni sadan marii isaanii itti fufuun gabaasa dhumaa yaa’iin gamtaa Afrikaa gaggeeffamee torbee lama keessatti dura taa’aa gamtichaaf akka dhiyaatu eeggama ture jedheera.
 
Yaa ta’uutii gaaffii Sudaanii fi Gibtsi marichi akka dheeratu gaafataniin torbee lamaaf osoo hin gaggeeffamin hafeera jedhe Ministeerichi ibsa isaan.
 
Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afrikaa bara Faranjootaa Adoolessa 24, 2020 ibsa baasee fi Ministiroonni bishaanii biyyoota sadanii Adoolessa 27, 2012 walga’ii gaggeessaniin sanada waliinirratti hojjechuuf waliigalteerra ga’aniin Ityoophiyaan dambii guutinsa bishaanii mataa ishee dhiyeessuu ibsichi yaadachiiseera.
 
Mariin itti aanu Hagayya 11, 2012 ni gaggeeffame jedhamee kan eeggamu ta’uu ibseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment