Mariin qorannoo diippilomaasii qabeenya qilleensaarratti xiyyeeffate eegale

Finfinnee, Amajjii 3, 2013 (FBC)- Mariin qorannoo diippilomaasii qabeenya qilleensaarratti xiyyeeffate eegalameera.

Maricharratti ambaasaaddaroonni fi diipilomaatoonni kan hirmaatanyoo ta’u, Saayinsii jijjiirama qilleensaa fi diippilomaasii qabeenya qilleensaa, imaammata jijjiirama qabeenya qilleensaa idil addunyaa fi waligalteerratti kan xiyyeeffatedha.

Deettaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen marii qoranichaarratti Ityoophiyaan waltajjii idil addunyaarratti jijjiirama qabeenya qileensaarratti kutannoo qabdu argisiisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.

Gogiinsa, balaa lolaa fi weerara hoomaa awwaanisaa gaanfa Afrikaatti mudate kan kaasan Ambaasaaddar Reedwaan diippilomaasii qabeenya qilleensaaf xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Marichi guyyaa 4f kan turu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenyahttps://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment