Mariin paanaalii nageenyaa fi araaraa magaalaa shashamanneetti gaggaaffame

Finfinnee, Sadaasa 28, 2013 (FBC) – Mariin paanaalii nageenyaa fi araaraa magaalaa shashamanneetti gaggaaffamuu ibsame.
Marii paanaalii nageenyaa fi araara kana gumii dhaabbiilee amantaa Ityoophiyaa, abbootii gadaa fi bulchinsi magaalaa shaashamanee dhabbataa gargarsaa waldaa kiristaanaa Noorweey waliin ta’uun qopheessaniiru.
Sagantaa kana irraatti qaamooleen federalaa, naannollee fi jiraattonni magaalaa shaashamanee argamaniru.
Bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofuun humnoonni badii lubbuu namaa fi qabeenya irra miidhaa qaqqabsiisuu kaantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaashamannee obbo Guutaa Laachuree ibsaniiru.
Magaalli Shaashamannee magaalaa sabaa fi sablammoota 30 ol ta’an waggoottan 80 oliif waldanda’uun keessa jiraataa turan ta’uu eeraniiru.
Aadaa waliin jireenyaa sabaa fi sablammoota magaalaa shaashamanee iddoo duraattii deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii magaalicha deebisanii dhaabuuf hojjetameen deeggarsa hawaasa ollaa fi qaamolee garaagaraarraa Birriin miiliyoonni 42 walitti kan qabame yoo ta’u, gama mootummaatiin ammoo namoota qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa uffataa fi meeshaalee ijaarsa manaatiif Birriin miiliyoona 1.3 oltti tilmaamamu arjoomameera.
Yeroo ammaa magaalli Shaashamannee hirmaannaa uummataa, tumsa mootummaa fi deeggarsa qaamolee garaagaraatiin sochii idilee eegaluu ishee ibsamee jira.
Gammachuu Beekumaatu gabaas.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment