Finfinnee, Guraandhala 9, 2016 (FBC)- Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 37ffaa har’aa Finfinneetti eegaleen maddiitti Waltajjiin Marii Paanaalii mata duree “Jijjiirama Afrikaaf Dijitaalaayizeeshinii hidhachuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjiin marichaa galma Yaadannoo Injifannoo Adwaattii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudeen argamaniiru.
Pireezidantii Saahilawarqi akka jedhanitti, guddina waaraa fi hundagaleessaaf ajandaan dijitaalaayizeeshinii murteessaa ta’uu ibsan.
Dijitaalaayizeeshiniin jijjiirama qabeenya qilleensaan dhiibbaa qaqqabuu ittisuun barbaachisaa ta’uu kaasan.
Itiyoophiyaan diinagdee dijitaalawaa fayyadamuuf hammattoo “Dijital Itiyoophiyaa 2025 jedhuun hojjechaa jiraacuu kan kaasaan Pireezidaanti Saahilawarqi, damee teelekoomiin, faayinaansii dijitaalawaan, hubannoo namtolchee fi waliingahiinsa interneetiirratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Dijitaalaayizeeshiniin investimantii saffisiisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsanii, Afrikaanonni damicharratti hojjechuu akka qaban akeekaniiru.
Waltajjii marii paanaalichaarratti Hoji Raawwachiistuu Olaantuu Itiyoo-Telekoom Firehiiwot Taammiruu dabalatee hoggantoonnii fi bakka bu’oonni dhaabbilee garaagaraa hirmaataniiru.
Misikkir Sinaaffiqitu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.