Mariin paanaalii hayyootaa fi qooda fuudhattoota damee qonnaa hirmaachise magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffameera

Finfinnee, Muddee 24, 2013 (FBC) – Mariin paanaalii hayyootaa fi qooda fuudhattoota damee qonnaa hirmaachise magaalaa Adaamaa galma Abbaa Gadaatti gaggeeffamera.
Sadarkaa Itti Aanaa preezadaantii Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaatti Hogganaan damee kilaastara baadiyaa Dooktar Girmaa Amantee dammeen qonnaa utubaa diinagdee biyyattii ta’uus sirnootni darban sirnicha jijiiruuf hojiin qabatamatti hojjetan kan mul’atu miti; kanaaf, qonnii biyyatti mala aadaa irratti kan rarra’ee hafe ta’uun agarsiistudha jadhan.
Damee Qonna ceesiisuuf waggootan lamaan darban hudhaa damiichaa kan ta’an adda baasuun ‘Road map’ wixxinnee qopheessuun kallatti xiyyeeffannoo damee qonnaa ceesisuu oggeeyyii fi qooda fuudhattoota hirmaachiisun hojiitti galameeras jadhaniiru.
Jalqabbi kanaan bara kana lafa hektaara kuma 300 irratti Godinaalee gammoojjii naannichaa dabalatee bakka hundatti qamadii jalliisin omishuun jalqabbi jiru kaasaniiru.
Cee’uumsa damee qonnaa ammayyeesuuf eggalameeniis qiindoominni hoggansa sadarkaan jiruu fi tumsii qaamoolee qooda fudhattootaaf hawaasaa ol anaa ta’uu kan eeraniiru.
Dooktar Girmaan mariiwwan paanaalii akkanaa cimina jiruu itti fuufsiisuun hanqinoota adda baasuuf kan gargaaru waan ta’eef qoratootnii ,hayyootnii fi qooda fudhattootnii gahee kana hubachuun gumaacha akka taasisan dhaamaniiru.
Maricharratti waraqaawwan qorrannoo garagaraa akka dhiyaatan kan himamee yoo tahu “guddini damee qonna Ityoophiyaa essaa garamitti” mata duree jadhuun Ministirri Deettaan ministeera qonnaa Dooktar Maandafroo Niguuseen dhiyaateera.
Muluu Waaqshumeetu Gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment