Mariin paanaalii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet mana maree federeeshinii waliin qopheesse gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 19, 2013 (FBC) – Mariin Paanaalii guyyaa sabaa fi sablammootaa 15ffaa ilaalchisee Faanaa Broodkaastiing Koorporeet Mana Maree Federeeshinii waliin ta’uun qopheesse gaggeeffamaa jira.

Paanaalichi mata duree ‘walqixummaa fi tokkummaa sabdaneessaa badhaadhina waloof’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Mana Maree Federeeshiniitti miseensi koree dhaabbbii hiikaa heeraa fi dhimmoota eenyummaa obbo Warquu Addaamuu dhadannoon bara kanaa heera mootumaaa fi sirna federaalaan walqabsiisuun hiikoo isaarratti ibsa laataniiru.

Marii paanaalii kanarratti bakka buutoonni mana maree federeeshinii, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi  qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.

Guyyaan sabaa fi sablammoota bara kanaa magaalaa Finfinneetti kan kabajamu ta’uu eerrameera.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo

https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Comments (0)
Add Comment