Mariin nageenyaa 3ffaan Raashiyaa fi Yuukreen bu’aa qabatamaa fiduu hin dandeenye jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Mariin nageenyaa 3ffaan Raashiyaa fi Yuukreen bu’aa qabatamaa osoo fidin xumuramuu ibsameera.

Hogganaan jila Raashiyaa Viilaadimiir Meedinsikii maricha booda akka ibsanitti, mariin dhimmoota siyaasaa fi waraanaarratti xiyyeeffatee kun jijjiirramaa osoo hin fidiin xumurameera jedhan.

Bu’aan marichaarra eegamuu dhufuu baatuus waltajjii itti aanuun wanta fooyya’aa akka eegan ibsaniiru.

Mariisistoonni Raashiyaa waliigaltee addaa dabalatee sanadoota mariirratti taasifamuu hedduu qabatanii dhufanis gama Yuukreeniin sanadichaa irra deebiin ni ilaallaa jechuun waliigalteerra osoo hin ga’iin hafuun isaanii beekameera.

Mariisistoonni biyyoota lameenii lammiilee waraanaa buqqa’aan ilaalchisee xiyyeeffannoon mari’ataniiru.

Maddi:-CGTN

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment