Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC) – Mariin Ministiroota Faayinaansii Gaanfa Afrikaa Interneetiin gaggeeffame.
Biyyoonni Gaanfa Afrikaa Geejjibaa, Daldalaa, Faayinaansii Baadiyyaa, dhiyeessii Bishaan dhugaatii, walitti hidhamiinsa gabaa fi ittisa weerara hoomaa Awwaannisa Gammoojjii irratti waliin hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.
Ityoophiyaan Biyyoota Gaanfa Afrikaa hundaan waldaaggessuu isheen walitti hidhamiinsa diinagdee naannichaa keessatti ga’ee olaanaa qabaachuu kaasaniiru.
Rakkoo keessoo yeroo ammaa ishee muudate dandamachuun guddina diinagdee fi bu’uiraalee misoomaa Gaanfa Afrikaa bu’aa qabeessa taasiisuuf ga’ee ishee cimsitee kan itti fuftu ta’uu himaniiru.
Milkaa’iina isaaf tumsii fi qindoominni qaamolee mootummaa, lammiilee, dameen dhuunfaa fi deeggartoonni misoomaa murteessa ta’uu ibsaniiru.
Mariin Ministiroota Faayinaansii kun baatii sadi sadiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, inni guyyaa kaleessa gaggeeffame yeroo 9ffaaf gaggeeffamuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni muul’uisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.