Mariin mata duree “Sodaa shororkeessummaa Gaanfa Afrikaatti” jedhu Yuunivarsiitii Jigjigaatti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Mariin mata duree “Sodaa shororkeessummaa Gaanfa Afrikaatti” jedhu Yuunivarsiitii Jigjigaatti bakka Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad argamitti gaggeeffameera.

Marii kanarratti Pireezidaantii yuunivarsiitichaa Bashir Abdullaahii dabalatee hayyoonni, Ambaasaaddaroonni, qaamoleen siyaasaa fi qooda fudhattoonni biroo argamaniiru jedhame.

Barreeffamoonni qorannoo dhimmoota shorkeessummaarratti xiyyeeffatan dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Waltajjicha Ministeerri Dhimma Alaa fi Yuunivarsiitiin Jigjigaa waloon qopheessuu Ejansiin Miidiyaa naannichaa gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment