Finfinnee, Mudde 24, 2015 (FBC) – Yunivarsiitiiwwan garaagaraa keessatti mariin mata duree “Gahee Hayyootaa Ijaarsa Biyyaaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Mariin kun Yunivarsiitiiwwan Samaraa, Waldiyaa, Injibaaraa, Kotabee fi Gaambeellaatti hayyoota waliin gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Marii Yunivarsiitii Samaraatti gaggeeffamaa jirurratti Ministir Deetaan Ministeera Turizimii fi walitti qabaan Boordii Hoggansa Yunivarsiitichaa Obbo Silashii Girmaan marichaaf yaada ka’umsaa dhiyeessaniiru.
Imala guddina biyyaa saffisiisuuf qoodni hayyootaa olaanaa ta’uu marichaan ka’eera.
Mariin kun hanga Muddee 26, 2015tti itti fufa jedhame.
Mariin kun Yunivarsiitii Waldiyaattis mata duree walfakkaaturratti kan eegalame yoo ta’uu boris itti fufa jedhameera.
Ministir Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa fi walitti qabaan Boordii Hoggansa yunivarsiitichaa Dooktar Namarraa Gabayyahuu kaayyoo marichaa fi qooda hayyoonni ijaarsa biyyaa keessatti qabanirratti ibsa taasiisaniiru.
Yunivarsiitii Gaambeellaa fi Injibaaraattis mariin kun haaluma walfakkaatuun gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Yunivarsiitiwwan kanneenirraa argame ni mul’isa.
Yunivarsiitii Kotabeettis mariin kun gaggeeffamaa jira.
Ijaarsa biyyaa wayita yaadni faayidaa dhuunfaa keenyarraa eegaluu qabna jedhan Pireezidaantiin Yunivarsiitii Kotabee Dooktar Birihaana Masqal Xannaan.
Ijaarsi biyyaa dhimma dhaloota tokkoo osoo hin taane dhimma walharkaa fuudhiinsa dhalootaa gaafatuudha jedhan Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinnee Obbo Mallas Alem.
Akkasumas mariin kun Yunivarsiitii Madda Walaabuuttis gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’uu,Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxee Mollaa fi Waajjira Paartii Badhaadhinaa Oromiyaatti Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa argamaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.