Mariin Labsii wixinee waraaqaa eenyummaa diijitaalaarratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Mariin Labsii wixinee waraaqaa eenyummaa diijitaalaarratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi mata duree ‘namni tokko namuma tokko’ jedhuunii gaggeeffamaa kan jiru.

Marichaanis waraqaan eenyummaa biyyoolessaa yeroo itti aanuu biyyattitti tajaajila keennisaa waraaqaa eenyummaan walqabsiisee rakkoo jiru akka furamuu danda’amuurratti mari’atameera.

Keessayuu waraqaa eenyummaan walqabsiisee namni tokko eenyummaa hedduu akka qabu ilaalamuun fi eenyummaa garagaraatin rakkoon muudata jira jedhameera.

Kunsi qaamolee tajaajilicha laataniin amanamummaa akka dhabaan taasisaa jira jedhameera.

Waraaqaan eenyummaa diijitaalaa rakkoo kana kan furuu fi namni tokko eenyummaa tokko qofaa akka qabatuuf shooraa olaanaa qaba jedhameera.

Taarikuu Laggasaatu gabaase

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment