Mariin Ityoophiyaatti filannoowwan invastimantiirratti xiyyeeffatee gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC)- Xaaliyaanitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Dammituu Hambisaa koree walitti dhufeenya idil-addunyaa mana maree daldalaa Giriik Niilolaawoloos Vaaziloo waliin haala itti dureeyyiin Giriik Ityoophiyaatti damee investimantiirratti hirmaatan irratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Dammituun haala mijataa Investimantii Ityoophiyaa jiru ilaalchisee marii bu’aa qabeessaa koree kana waliin taasisuusaanii Xaaliyaanitti Imbaasiin Ityoophiyaa beeksiseera.

Niilolaawoloos Vaaziloon gama isaanitiin dameewwan Ityoophiyaatti irratti hirmaachuu barbaadan ilaalchisee yaadota ijoo kaasuu isaanii Imbaasichi beeksiseera.

Ambaasaaddar Dammituun gama isaanitiin miseensota mana maree daldalaa Giriikii fi dureeyyiin filannoo investimanti Ityoophiyaa jiru dhufanii akka daawwataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Kanarrattis Imbaasiin isaanii deeggarsa barbaachisuu akka taasisuu dubbataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment