Mariin “Ityoophiyaan Haa Oomishtuu” gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebla 29, 2015 (FBC)- Waltajjiin mariin sosochii “Ityoophiyaan Haa Oomishtuu” gamaa Miliniyamiitti gaggeeffamaa jira.

Maricharratti Mistira Maallaqaa Ahimad Shidee, Ministira Indaastirii Malaakuu Aallibal, Ministira Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa, Komishinara Gumurukaa Dabalee Qaabataa dabalatee qondaaltonni olaanoon argamaniiru.

Sosochiin “Ityoophiyaan Haa Oomishtuu” erga eegalamee waggaa tokko keessatti bu’aalee hedduun galmaa’eera jedhame.

Obbo Malaakuu Aallibal maricharratti dameen maanufaakchariingii itti fufiinsa kan qabuu fi dorgomtummaa kan qabuudha jedhan.

Weerarri vaayirasii koronaa fi haalli nageenyaa damecha qormaata keessa galchuu dubbataniiru.

Kanaanis dandeettiin oomisha indaastiriiwwanii gadi bu’uu fi sochiin invastimantii laafuu eeranii, sosochiin “Ityoophiyaan Haa Oomishtuu” haala qabatamaa turee fi rakkoolee jiran dandamachuuf kan kaayyeffateedha jedhan.

Dabalataanis gufuulee damechaa adda baasuun daandiilee addaa addaa akka hordofnu kan dirqamsiiseedha jechuun ibsaniiru.

Damee kanaan karoora waggoota 10 keessatti lammiilee miiliyoona 5’f carraa hojii uumuuf karoorfameera jedhan.

Masfiin Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment