Mariin Ityoo- Sawudii gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 30, 2012 (FBC) – Marii Ityoo- Sawud Arabiyaa bifa qaamolee mootummaa fi dhaabilee garagaraa hirmachiiseen gaggeeffameera.

Maricha Ministiri Deettaa Ministira Dhimma Alaa Ityoophiyaa aadde Hiruut Zamanee akkasumaas Ministiri Deettaan Ministira Dhimma Alaa Ahimad Sawud Arabiyaa Aldul’aziiz waliin kan hogganaan yoo ta’u, marii kana ministiri Deettoonni waajiraalee mootummaa garagaraa irraa walitti baba’an hirmaataniiru.

Marii gaggeeffameen hariiroo Ityoophiyaa fi Sawud Arabiyaa gidduu gama baba’aan, geejjibaa, aadaa fi tuurizimii, daldaalaa fi investimeent akkasumaas hawaasumman dhimmoota caalumaatti cimsuu danda’anirratti mari’taniiru.

Aadde Hiruut Ityoophiyaa fi Sawud Arabiyaan hariiroo baroota dheera waliin qaban cimsuun walitti hidhaminsi daldalaa, investimentii fi tuurizimii caalumatti akka cimuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Ministiri Deettaan Ministira Dhimma Alaa Sawud Arabiyaa Ahimad Aldul’aziiz gama isaanitiin hariiroo biyyoota lamaanii caalumaatti cimsuun Sae=wud Arabiyaan ityoophiyaa gara dhaabbata daldala idila addunyaatti akka makamtuuf deeggarsa cimaa ni taasifti jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment