Mariin invastimantii naannoo Oromiyaa Finfinneetti gaggeeffama jira

Finfinnee, Amajjii 18, 2012 (FBC) – Mariin dhimma invastimantii naannoo Oromiyaa abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’anii jiranirratti Waajjira Preezdaantii Oromiyaatiin qophaa’e Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti akka naannootti sochiin Invastimantii hedduun akka biyyaafi naannootti jiraatanis qixa barbaadameen bu’aan irraa argamaa hin jiru jedhameera.

Akka gabaasa Kallacha Oromiyaatti, sochii Invastimantii akka biyyaatti taasifamaa jiruun waggoota muraasaa asitti bu’aan argamaa jiru olaanaa ta’uu ragaan dhaabbata gamtoomanii ni ibsa; Kana keessatti gaheen Oromiyaa guddaadha.

Haa ta’u malee rakkinoota adda addaa dameen kun qabuun wal qabatee akkaataa barbaadamuun guddina dinagdee mirkaneessuu, carraa hojii uumuu fi cehumsa tekinooloojiitiin ammas hojii guddaan akka hafee eeraniiru.

Jilli biyya Maaleezhiyaa muuxannoo olaanaa cehumsa Invastimantii Maaleezhiyaa keessatti shora olaanaa taphate muuxannoo akka biyyaa fi addunyaatti gonfate qooduuf Finfinneetti argamuun qoodaa jiru.

Waltajjiin kun qaama waltajjii torban lama dura bakka itti aanaa Preezdaantii  Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti guyyaa Invastimantii jedhuun jalqabameeti.

Mariin kunis dameewwan Invastimantii gurguddoo ta’an Qonnaa, Maanufaakchariingii, Turiizimiifi Albuudarratti kan xiyyeeffatedha.

Comments (0)
Add Comment