Mariin Hoggantootaa Sadarkaa Magaalaa Finfinnee gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2015 (FBC)- Waltajjiin hoggantoota Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Mata duree “Kalaquu fi saffisuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Marichii kallattii koreen giddugaleessaa kaa’een kan gaggeeffamaa jiru ta’uun eeramera.

Waltajjicharratti kan argaman Miseensi Koree Hoji Raawwachiiftuu fi Ministirri Ministeeraa Hojii fi Ogummaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil, kallattii Koreen Giddugaleessaa paartichaa “Kalaquu fi saffisuu” irratti kallattii kaa’een, hoggansa sadarkaan jiruuf iftoomina uumuun hoggansa barbaadamu horachuuf kan kaayyeeffate ta’uu eeraniiru.

Marichis dhimmoota biyyaalessaa, naannawaa fi idil addunyaa bal’inaan sakatta’uun akkasumas milkaa’inaalee turanii fi guufuulee hubachuun, milkaa’inaalee itti fufsiisuu fi gufuulee ammoo gara carraatti jijjiiruuf qophaa’ummaa uumuuf ta’uu himaniiru.

Miseensi koree paartichaa fi itti gaafatamaan Waajjiraa Paartii Badhaadhinaa Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Obbo Mogas Baalchaa gama isaaniin, hoggansi waltajjicharratti dandeettii odeeffannoo, beekumsa, xiinxalaa irratti bu’uureffate akka argatu, qixaa ga’umsa isaanis itti gaafatama isaa akka bahatu waliigaltee waloo fi hubannoo uumuuf akka tumsuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment