Mariin Hidha Haaromsaa Marsaa 3ffaan xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2016 (FBC)-Mariin gamsadee Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa marsaa 3ffaan Ijibti Kaariyootti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Dursaan Jila Mari’attootaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, marichi waliigaltee fi fooyya’iinsa argisiiseera.

Marii ittaanus baatii Muddee Itiyoophiyaa Finfinneetti akka gaggeeffamuu waliigalteerra ga’amuu akeekaniiru.

Itiyoophiyaan mariin bu’uura waliigaltee ibsa qajeelfamootaan gaggeefamuu bu’aa eeyyeentaarra ga’uun akka danda’amu ibsuun ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment