Mariin Hidha Haaromsaa kaleessas itti fufee oolera

Finfinnee,Waxabajjii 11, 2012 (FBC) – Mariin Hidha Haaromsaarratti Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts gaggeessan kaleessas itti fufee oolera.
 
Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Inarjii FDRI ibsa Faaanaa Broodkaastiing Koorporeetif ergeen akka beeksisetti, mariin viidiyoodhan gaggeeffamu kaleessas itti fufee taa’ameera.
 
Guutinsa bishaanii jalqabaa fi hojii waggaarratti xiyyeeffachuun mari’atameera.
 
Marii ministirootatiin dura gabaasni marii garee teeknikaa fi seeraa kopha kophaatti gaggeessan dhiyaatera.
 
Gama teeknikaatin dhimmoonni ka’an mariidhan hiikamuun ibsamee, waliigalteedhan akka goolabamu garuu dhimmoonni seeraa xumuramuu akka qaban ibsichi akeekera.
 
Mari’attoonni Sudaan muummee ministiraa isaanii waliin ajandaalee ka’anirratti mari’achuu akka barbaadan waan beeksisaniif, marichi erga isaan deebi’aniin booda akka itti fufu waliigalameera.
 
Ministeerichi ibsa isaatin Ityoophiyaan marichaan hidhichi bifa fayyadamtummaashee eeggatee fi mirga qabeenya bishaaniitti fayyadamuushee kabachiisen akka goolabamu ni hojjetama jedheera.
 
Sudaanii fi Gibtsis mirga fayyadamtummaa haqaa fi walabummaa, tumsa waaraaf dhaabbachuu akka qaban gaafateera.
 
Ityoophiyaan kanaan duraa mirga hidhicha bishaanin guutuu akka qabdu ibsuun ishee ni yaadatama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment