Mariin Hidha Haaromsaa gam sadee marsaa 3ffaan eegale

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Mariin dambiiwwanii fi dureewwanii gamsadee guutiinsaa fi gadi lakkisa bishaan Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 3ffaan har’a Magaalaa Finfinneetti eegaleera.

Dursaan Garee Mari’attoota Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan sirna baniinsaarratti haasawaa taasisaniin marichi bu’uura ibsa qajeelfama bara 2015 irra ga’ameen guutiinsa marsa 4ffaa Hidhaa Haaromsaa milkaa’inaan gaggeefameen booda ta’uu ibsan.

Haaluma kanaan mariin marsaa kanaa biyyoonni kunneen waliigalteerra ga’uuf tattaaffii walirraa hincitne akka taasisan amantaa qaban ibsaniiru.

Kana malees, bu’uura ibsa qajeelfamichaan kaa’ameen bishaan Abbayyaa, itti fayyadama sababa bu’uureffatee fi haqa qabeessummaa mirkaneessuun filmaata tokkicha ta’uu himaniiru.

Dabalataanis adeemsichi milkaa’inaan akka xumuramuuf Itiyoophiyaan akkuma kanaan duraa kutannoodhaan gahee ishee akka bahattu mirkaneessaniiru.

Ministirri Bishaanii fi Jallisii Ijibti Pirofeessar Haanii Seewiilaam fi Eeggataan Ministira Bishaanii Sudaan Daawulbaayit Abdulraahimaan Mansuur Bashir gama isaaniin adeemsa marichaan waliigalteerra ga’uuf abdii qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment