Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Mariiin Gumii Balal marsaa 33ffaan mata duree “Marii Biyyaalessaa Carraa fi Sodaawwan jiran” jedhuun gaggeeffamaa jira.
Waltajjichi Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Obbo Kabbadaa Deessisaa fi Hoggaanaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa, Hayyuu Siyaasaa Obbo Leencoo Lataa dabalatee Hayyoonni biroon argamaniiru.
Obbo Hayiluu Addunyaan waltajjicharratti haasawaa taasisaniin, mariin biyyaalessaa dhimmoota gurguddoo biyyaa irratti walhubannaan uumuun ce’umsi siyaasaa biyyattii akka milkaa’uuf gumaacha olaanaa taasisa jedhan.
Kunis, marii hirmaachisaa, ifaa fi bilisa taasisuun dhimmoota guguddoo akka seenaa, mallattoo biyyaalessaa fi adeemsa siyaasaa irratti ilaalchi waloon akka uumamu kan taasisuu ta’uu ibsaniiru.
Adeemsa marii biyyoolessaa eegalameerratti uummanni akka hirmaatu, gaaffiiwwan isaa karaa qindaa’een akka dhiyeeffatu, akkuma kaleessaa ijaarsa biyyaa keessatti qooda isaa adda durummaa akka bahatu gaafataniiru.
Carraa fi sodaa jiru adda baasuun hubannaa uumuu irrattis qoodni hayyootaa murteessaa waan ta’eef hayyoonnis gahee isaanii bahachuu akka qaban Obbo Hayiluun dhaamaniiru.
Maricharratti carraalee fi sodaawwan marii biyyaleessaa hawaasa keessaa jiru fi muuxannoo biyyoota biroo dhiyaachuun mariin bal’aan gaggeeffamaa jira.
Dabalataan gahee dhaabbilee amanta, mootummaa, dhaabbilee sivilii fi hawaasa biyyattii maal ta’uu akka qaburratti mari’atamaa jira.
Gammachuu Beekumaatu gabaase.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.