Mariin gama sadee Hidhaa haaromsaa marsaa 3ffaan Kaayirootti eegale

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2016 (FBC)- Mariin gamsadee dambiiwwanii fi qajeelfamootaa gadi lakkisaa fi guutiinsa bishaan Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa marsaa 3ffaan Ijibti Kaayirootti gaggeeffamuu eegaleera.

Maricharrattis dhimmoota teekinikaa fi hammattoo seeraan bu’aa caalurra ga’uuf kan xiyyeeffatamu ta’uu Dursaan Garee Mari’attootaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Silashii Baqqalaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Itiyoophiyaan bara 2015 sadarkaa dureewwaniitti waliigaltee ibsa qajeelfamootaa mallatteessiteen marichaan fayyadamummaa haqa qabeessaa fi sababa bu’uureffateen bu’aa argamsiisuuf kan hojjettu ta’uun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment