Finfinnee, Onkololeessa 4, 2015 (FBC) – Mariin yaa’iin duraa Fooramii Xaanaa 10ffaan guyyaa har’aa gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’ichi dhimmoota nageenyaarratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsameera.
Mariin yaa’iin duraa kun seenaa qabsoofi hoggansaa qabsaa’aafi pireezidaaantii Zaambiyaa Keeneet Kaawuundaa irratti gaggeeffamaa jiraachuu eerameera.
Yaa’iin Fooramii Xaanaa 10ffaa bara kanaa irratti keessummoonni biyya keessaafi alaa 300 ol kan argaman ta’uu ibsameera.
Yaa’ichi guyyaa boruu magaalaa Baahir Daaritti ifatti kan banamu ta’uu eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.