Mariin dhimma daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanii fi hariiroo ummataa irratti xiyyeeffate Yuunivarsiitii Gonadaritti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2013 (FBC)- Mariin dhimma daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanii fi hariiroo ummataa irratti xiyyeeffate Yuunivarsiitii Gonadaritti gaggeeffameera.
Maricharratti barsiisoota Yuunivarsiitii Gondarii fi hayyoonni Yuunivarsiitii Kaartuum irraa dhufan hirmaataniiru.
Hayyoonni lama yuunivarsiitiwwan lamanirraa barreeffama dhiyeessaniiru.
Yuunivarsiitii Gondar irraa barreeffama ka’umsaa kan dhiyeessan Dooktar Bushaa Taa’oo hariiroon ummata Ityoophiyaa baroota dheeraa kan lakkoofsisee fi waliif yaadurratti kan hundaa’edha.
Barreeffama biroo kan dhiyeessaan barsiisaa Yuunivarsiitii Kaartum Dooktar Oomar Al Amiin mootummoonni lamaan hariiroo ummataa fi waliigaltee seenaa irratti bu’uurreffame taasisuu qabu jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment