Mariin biyyoota lameenii Chaayinaan Itiyoophiyaa waliin hariiroo qabdu daran guddisuuf fedhii qabdu kan argisiiseedha jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)- Mariin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Muummee Chaayinaa Lii Kiyaangi waliin taasisaan Chaayinaan Itiyoophiyaa waliin hariiroo qabdu daran guddisuuf fedhii qabdu kan argisiiseedha jedhan Pirees Sekireetariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum.

Ministirri Muummee fi jilli isaanii daawwannaa hojii Chaayinaatti taasisaa jiran ilaalchisuun Billanee siyyum ibsa kennaniin Ministira Muummee Chaayinaa Lii Kiyaangi Dooktar Abiyiif simannaa taasisuu fi sirni simannaa taasifames hariiroo cimaa biyyoota lameenii kan bu’uureffatee ta’uu himan.

Hariiroon gamlameenii Chaayinaan Itiyoophiyaa waliin qabdu kan baroota lakkoofsise ta’uu ibsanii, ammas daran guddisuuf fedhiin jiraachuu eeruu akeekaniiru.

Wayiita marii isaaniittis, hariiroo walta’iinsa diinagdee biyyoota lameen gidduu daandilee cimsuun danda’amus kaasuu ibsaniiru.

Martichaan boodas waliigalteewwan garaagaraa 14 mallatteeffamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment