Finfinnee, Gurraandhala 21, 2014 (FBC) – Qopheessummaa Waajjira Preezdaantii mootummaa Naannoo Oromiyaan mariin Gumii Balal marsaa 19ffaan mari’atamaa jira.
Marichi mata duree’Marii Biyyaalessaa fi Barbaachisummaa Dantaa Waloo Oromoo Foo’uu’ Jedhuun dhimma biyyaa fi naannoo irratti paartilee siyaasaa fi Hayyoota hirmaachisuun mari’atamaa jira.
Gameessi Siyaasaa obbo Leencoo Lataan barreeffama yaada marii dhiheessaa jiru jedhame.
Maricha dursuun gaggeessaa kan jiran obbo Leencoo Lataa,mariin biyyaalessaa waan uummanni irratti walii galee fi murteesseen hogganamuu qaba jedhaniiru.
Kana keessatti ammoo Dantaan Oromoon waloon qabu Foo’amuu ykn Bilchinaan irratti hojjechuu gaafataa jedhaniiru.
Mariin biyyaalessaa akka galama yaadame bira ga’uuf Hawaasni bal’aaniifi Hayyoonni akkasumas Paartileen siyaasaa yaada garaagaraa qaban bakka tokkotti fiduun Waan mariidhaan irra gahan irratti walii galuu danda’uu qabus jedhaniiru Obbo Leencoon.
Mariin biyyaalessaa mirgaa fi dirqama lammiilee of keessatti hammatee kan gaggeeffamu waan ta’eef Uummanni Waan itti amaneefi tahuu qaba jedhu gara waltajjii mariitti fiduun Walii galtee biyyaalessaarra gahuuf Utubaa ta’ee tajaajila jedhan.
Yaaddesaa Geetaachootu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.