Finfinnee, Sadaasa 7, 2017 (FBC)- Mariin biyyaalessaa lammiileen Itiyoophiyaa hundi yoo irratti hirmaatan milkaa’a jedhe Komishiniin Marii Biyyaalessa.
Komishinichi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Naannoo Tigraayitti argamanirraa bakka bu’ootaa dhufan waliin Finfinneetti mari’ateera.
Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Pirofeessar Masfiin Ar’ayaan, marii biyyaalessaarratti lammiileen hundi yoo hirmaatan milkaa’a jedhan.
Haaluma kanaan adeemsi marii biyyaalessaa gaggeeffamu Naannoo Tigraayiin kan hammatu ta’uun naannichi haala hirmaachuu danda’uu mijeessuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Hirmaattoonni marichaas komishinichi hariiroon mootummaa fi ummataa gidduu akka cimuuf akka riqichaatti tajaajiluun gahee isaa akka bahatu gaafachuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia