Mariin beekkamtii ummataan alatti taasifamuu eegale hin jiru – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) – Biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf mariin beekkamtii ummataan alatti taasiifamu hin jiru jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Qaama kaamiiyyuu waliin mariin dhoksaan gaggeeffamuu eegale hin jiru, gara fuulduraas hin jiraatu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa ka’eef ibsa laataniin.
Waraana eegaluuf ummata waliin mari’annee, marii eegaluuf ammoo wanti dhoksaan daamnuuf hin jiru jechuun ibsaniiru.
Waloon biyya ijaaruun murteessaa ta’uus, rakkoo kan ta’e finxaalessummaa fi jibbiinsa jedhan.
Eenyu waliinuu waraana hin feenu, nageenyaa barbaanna, osoo ummanni hin beekiin mariin gaggeeffamu akka hin jiraanne sirriitti hubatamuu qaba jechuun ibsaniiru.
Diina dhuunfaa hin qabnu kan biyyaa malee, dhuunfaan wanti raawwannu hin jiru waloon malee, fedhiin keenya baasii Rasaasa bituuf ba’uuf misoomaaf oolchudha jedhan.
Nageenya barbaanna jechuun dhoksaan marii gaggeessina jechuu akka hin taane hubatamuu qaba jedhan.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment