Mariin araara duudhaa biyyaa fi sirna haqaarratti xiyyeeffate Adaamaatti taa’amaa jira

Finfinnee, Amajjii 21,2012(FBC)- Mariin araara duudhaa biyyaatinii fi sirna haqaarratti xiyyeeffate magaalaa Adaamaatti taa’amaa jira.

Waltajjicha kan qopheesse Ministeera Nageenyaa yammuu ta’u, jaarsoliin biyyaa naannolee addaddaarraa walitti babba’an hirmaachaa jiru.

Ministeerichatti daayreektarri ijaarsa qabeenya hawaasummaa fi waliigaltee biyyoolessaa obbo Tagbaaruu Yaareed sirni araaraa naannolee hundaa ummanni biyyattii jaalala biyyaaf qaban kan muul’isudha jedhan.

Duudhaa kanas cimsuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Comments (0)
Add Comment