Mariin ‘Addis Wag’ marsaa 2ffaan “Ibsama Fiinxalessummaa fi bu’aalee isaa” irratti mari’atame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Marii ‘Addis Wag’ marsaa 2ffaan mata duree “Ibsama Fiinxaalessummaa fi bu’aalee isaa” jedhuun gaggeeffameera.

Mari kanarratti Ogeessaa Fayyaa Xiinsammuu Dooktar Mihirat Dabbabaa, Yuunivarsitii Haroomaayaarraa Pirofeesar Jeeylaan Waliyyii fi Dooktar Solomoon Tashoomaa yaada dhiyeessaniiru.

Dooktar Mihirat, fiinxaalessummaan beekumsa kan hinqabne, garaa yaadaa giddugaleessatti dhufuu barbaachisa jedha.

Dabalataan, finxaalessummaan fedhii olaantummaa argisiisuurraa kan maddu ta’uu eeranii, walqixxummaa mirkaneessuun akka baduuf ni gargaaraa ibsu.

Piroofeesar Jeeylaan Waliyyii gama isaaniin, fiinxaalessummaan coraan siyaasa; kaayyoo yaadamaan tarkaanfachiisu qaba; caaseffamni amala isaa mancaa’iinsa of keessaa qaba jedhu.

Fiinxaalessummaan, siyaasa sababa irratti hundaa’een gara siyaasa miiraan oofamuutti kan geessuu ta’uu eeranii, roorroo, sodaa, abdii erga dhabamsiifamanii booda waan gaariin argama siyaasa jedhu tarkaanfachiisu yaada jedhu calaqqisiisaniiru.

Dooktar Solomoon Tashoomaa yaada kennaniin, fiinxaalessummaan amantaa, ka’umsi keessoo dhiibbaa, loogii fi kanneen biroon akka ta’e kaasu.

Ka’umsii alaa ammoo deeggarsa maallaqaa, haamilee, siyaasaa fi kan biroo argachuu ta’uu eeranii, sirna mootummaa cimaa hintaane, olaantummaa seeraa fi malaanmaltummaan bu’aan isaa ta’uu hubachiisan.

Fiinxaalessummaa amantaa ittisuuf, amantii waliin michoomuu akka hinqabne hubachuun, dhaabbileen amantaa ammoo qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru. Kun akka ta’uuf ammo deeggarsa taasisuun akka barbaachisu himan.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Comments (0)
Add Comment