Marii sadee Hidha Haaromsaa ilaalchisee ga’ee ogeeyyii dabalamanii irratti mari’atame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2013 (FBC) – Marii sadee Hidha Haaromsaa ilaalchisee ga’ee ogeeyyii gamtaa Afrikaan dabalamanii irratti mari’atame.
 
Ministeerri Bishaan, Jallisii fi Iinarjii marii sadee Ityoophiyaa, Gibtsi fi Sudaan gidduutti gaggeeffame ilaalchisee ibsan laateera.
 
Adeemsaa fi haala marii yeroo itti aanu gaggeeffamu ibsichaan eerramera.
 
Ogeeyyiin biyyoota sadan keessaa bakka bu’an ga’ee isaanii ministirootaaf akka dhiyeessan waliigalteerra ga’ameera.
 
Ogeeyyiin kunneen Onkololeessa 23, 2013 mari’achuun gabaasa isaanii ministirootaf dhiyeessuuf walii galaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment