Marii paanalii konfiraansii nageenyaa fi araara Abbotti Gadaa Godinaa Arsii Lixan magaalaa shaashamannetti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 27, 2013 (FBC) – Marii paanalii konfiraansii nageenyaa fi araara Abbotti Gadaa Godinaa Arsii Lixan,dhaadannoo carraan magaalaa shaashamanne fuula duraa kan murtaa’u jiraattoota har’aatti jedhuun gaggeeffame.
Waltajjiin marii araaraa kun Abbootti Gadaa godinichaan kan durfamee yoo ta’uu, sabaa fi sablammiileen, abbootin gadaa, haadhaa siinqee fi jiraattonni magaalaa shaashamannee argamaniiruu.
Waltajjii marii araaraa kanaanis murteawwan garagaraa dabarsuu duraa ta’aan abbootti gadaa godinaa arsii Abbaa Gadaa Nagawoo Gammachuu himaniiru.
Humnootni tokkumaa fi waliin jireenyaa sabaa fi sablamiilee hin barbaadne ergamaa humnoota badii fudhatan lubbuu fi qabeenyaa saba fi sablammiilee waggootan dheeraaf horataan guyyyaa tokkootti balleessaniiru jedhan.
kun immoo ummata Oromoo fi jiraattoota magaala shaashamnee bakkaa hin bu’aan jechuun balaaleeffataniiru.
Waltajjii marii nageenyaa fi araarichaa irraatt haasa kan taasisan kantiibaa magaalaa shaashamannee obbo Guutuu Lachooree seenaa fi duudhaa kaleessaa magaalaa shaashamannee jiraataa turee warreen balleessuuf deeman duraa mootummaan kan dhabbatuu ta’aa jedhaniiru.
kana malee namoota sababa walitti bu’insaa mudatee qe’ee fi qabeenyaa isan irraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gammachuu Beekumaatu gabaasee.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment