Marii hoggantoonni Ityoophiyaa fi Sudaan taasisan rakkoolee mariin furuun michummaa biyyoota lameenii cimsuurratti xiyyeeffachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2014 (FBC) – Marii hoggantoonni Ityoophiyaa fi Sudaan taasisan rakkoolee mariin furuun michummaa biyyoota lameenii daran cimsuurratti xiyyeeffachuu Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad yaa’ii 39ffaa IGAD cinaatti Dura taa’aa Mana Maree Ce’umsaa Birmadummaa Sudaan Leetenaal Jeneraal Abdulfattaa Al Burhaan waliin Keeniyaa Naayiroobiitti guyyaa kaleessaa mari’achuun isaanii kan yaadatamudha.

Hoggantoonni lameen dhimmoota gam-lamee fi naannawaarratti kan mari’atan yoo ta’u, waldhabdee Ityoophiyaa fi Sudaan gidduu jiru karaa nagaan furuufi waltiinsaan hojjechuuf waliif galaniiru.

Marii hoggantoota lameenii kan hordofan Gorsaan Nageenyaa Biyyaalessaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, michummaa biyyoota lameenii waggoottan lakkoofsise cimsuun barbaachisaa ta’uu hoggantoonni lameen waliigaluu ibsaniiru.

Ityoophiyaan waldhabdeen daangaa biyyoota lameen gidduu jiru sababa ta’a jettee kan hin amanne ta’uu Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad mirkaneessuu eeraniiru.

Ummatoonni biyyootaa lameenii naannawaa daangaa hariiroo cimaan waliin akka jiraatan eeruun, gama kanaan biyyoota lameen misoomsuuf hojjechuu malee gara walitti bu’iinsaatti seenuu akka hinqabne dureewwan waliin mari’achuu ibsaniiru.

Rakkoolee daangaan walqabatanii ka’an Gamtaa Afrikaa dabalatee dhaabbileen idil addunyaa haala hirmaachiseen furuun wal amantaa biyyoota lameenii cimsuun akka barbaachisu ibsamuu himaniiru.

Hojii kanas kan gaggeessu koreen hundaa’uu akka qabu dureewan waliin mari’achuu Ambaasaaddar Reeduwaan ibsaniiru.

Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa ilaalchisee Gamtaa Afrikaan yaaliin eegalaman cimanii itti fufuu haala danda’anirratti dureewwan lameen mari’achuu tuquun, Mummeen Ministiraa hidhichi madda walitti hidhamiinsa naannawaa ta’uu ibsuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment