Marii hawaasaa waltaiinsaan geggeessuuf waliigalteen mallatteeffame

 

Finfinnee, Eebila 27, 2013 (FBC) – Ministeerri Nageenyaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa waliin marii hawaasaa waltaiinsaan geggeessuuf waliigaltee mallatteessee jira.

Rakkoolee nageenyaa biyya keenyatti uumamaa jiran waaraan furuuf hawaasatti dhiyaatanii mari’achuun murteessaadha jedhan deetaan Ministeera Nageenyaa Aadde Warqinash Birruu.

Nageenyaa fi waliigaltee biyyaleessaa uumuuf hanga ammaatti hojiin guddaan hojjatamuu kan kaasan aadde Warqinash Birruu,mootummaan hawaasaatti dhiyaatee,rakkoo ummataa yoo dhagahe falli waaraan dhufa.

Hawaasaatti  dhiyaanne hojjachuuf waliigaltee kana mallatteessaarraa jedhan.

Sirna har’a magaalaa Bishooftuutti raawwatameen hoggantootni bulchiinsaa fi nageenyaa,bakka buutonni magaalotaa hirmaatani jiru.

Mariin kun naannoodha hanga gandaatti kan adeemsifamudha.

 

Maddi:-  OBN

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

 

 

Comments (0)
Add Comment