Marii biyyaalessaa milkeessuuf waliigalteen gamsadee mallatteeffame

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2015 (FBC)- Adeemsi mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf waliigalteen gamsadee mallatteeffame.

Ministeerri Nageenyaa, Manni Maree Dhaabbilee Waldaalee Siiviikii fi Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Ityoophiyaa adeemsa marichaa milkeessuuf waligaltee waloo gamsadee mallatteessaniiru.

Walgaaltechaas Ministir Deetaa Ministeera Nageenyaa Obbo Taayyee Danda’aa, Daayrektara Dhaabbilee Waldaale Siiviikii, Heenook Fissahaa fi Ittaanaa Walitti Qabaa Mana Maree Waloo Paartile Siyaasaa Dooktar Abdulqaadir Adam mallatteessaniiru.

Waliigaltechaan adeemsi marii biyyaalessaa akka milkaa’uuf walta’iinsaan hojjechuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment