Marii biyyaalessaa milkeessuuf hoggansi itti gaafatama isaa sirnaan bahachuu qaba-Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Muddee 4, 2015 (FBC)- “Marii biyyaalessaa hirmaachisaa milkeessuuf hoggansi Paartii Badhaadhinaa hunduu itti gaafatama irraa eegamu sirnaan bahachuu qaba” jedhan Ittaanaa pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Waltajjiin leenjii mata duree “Ga’umsa bu’aan, qormaata Milkaa’inaan” jedhuun hoggansa olaanaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Hawaasaatti kennamaa ture xumurameera.

Waltajjicharratti Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti karoora, imaammataa fi tarsiimoowwan paartichaa guutummaatti hojiirra oolchuuf, hoggansi aadaa diimokiraasii keessoo guddisuu akka qabu ibsaniiru.

Kanas hojiirra oolchuuf paartii fi mootummaa cimaa uumuun akka danda’amu kaasaniiru.

Keessumaa rakkoolee akka biyyatti mudatan miira tokkummaa sabdaneessummaa fi obbolummaan waloon duraa dhaabbachuu akka barbaachisu himaniiru.

Dabalataan, Obbo Adam Faaraah, hoggansi waltajjii marii biyyaalessaa gaggeessuuf karoorfame milkaa’inaan akka xumuramu gahee gama isaanii akka bahatan hubachiisaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment