Marichi ijaarsa nageenyaa uummattoota naannoo lamaanii gidduutti yeroo itti aanu gaggeeffamuuf daandii kan banuudha – Dooktar Abrahaam Balaay

Finfinnee, Caamsaa 15, 2013 (FBC) – Mariin naannolee Amaaraa fi Tigraay gidduutti taasiifame ijaarsa nageenyaa uummattoota naannoo lamaanii gidduutti yeroo itti aanu gaggeeffamuuf daandii kan banu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Dooktar Abrahaam Balaay ibsaniiru.

Mariin naannoo lamaan gigguutti taasiifame adeemsa ijaarsa nageenyaa fi lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii ijaaruuf, akkasumas hariiroo hawaasummaa cimsuuf daandii kan banu ta’uu Dooktar Abrahaam himaniiru.

Jiraattoota naannoo Tigraay qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an hojiin misooma waktii gannaa osoo hin eegalin dura deebisanii dhaabuuf haala dandeessisurratti Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hoggantoota mootummaa olaanoo federaalaa, abbootii qabeenyaa naannolee lamaanii,hayyoota, abbootii amantaa waliin mari’achuun isaanii kan yaadatamuudha.

Dooktar Abrahaam, Ummaanni biyyatti hundi adeemsa nagaa buusuu fi hariiroo ummataa cimsuuf naannolee lamaan gidduutti eegalame kun akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisu akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment