Mareen Nageenyaa 2ffaan Raashiyaa fi Yuukreen har’a kan gaggeeffamu ta’uu ibsame

Finfinnee,Gurraandhala 24, 2014 (FBC) – Mareen Nageenyaa Raashiyaa fi Yuukreen eegalan marsaa 2ffaan har’a kan gaggeeffamu ta’uu Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov beeksiisan.
Preezdaantiin Yuukreen Vooloodimiir Zalaniskiin mariin biyyoonni lamaan eegalan marsaa 2ffaa har’a kan gaggeeffamu ta’uu mirkaneessaniiru.
Jilli Bakka buutoota biyyoota lamaanii bakka argamanitti mariin nageenyaa kun har’a naannoo Daangaa Beelaaruus – Poolaanditti kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
Jilli biyyoota lamaanii marii marsaa jalqabaarratti hirmaatan ammas kan hirmaatan ta’uu CGTN gabaaseera.
Mariin nageenyaa marsaan jalqabaa Wiixata darbe naannoo Daangaa Beelaaruusitti gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.
Dhimmoota waliigaltee dhukaasa dhaabuu, jibbiinsa ittisuu, waraanni Raashiyaa Yuukreenii akka ba’uu fi kanneen biroorratti mari’achuun kan yaadatamuudha.
waraanni biyyoota lamaanii erga eegalamee har’a guyyaa 8ffaa lakkoofsiseera.
Gama biroon Raashiyaa fi Beelaaruus dorgommii Paaraa Olompikiirratti akka hin hirmaanne dhorkamuu isaanii gabaafameera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment