Mareen biyyaalessaa galma barbaaddame akka ga’u Paartileen Siyaasaa biyya dursuu qabu – Hoggantoota Paartilee Siyaasaa

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC) – Mareen biyyaalessaa galma barbaaddame akka ga’u Paartileen Siyaasaa biyya dursuu akka qabu Hoggantoota Paartilee Siyaasaa garaagaraa ibsaniiru.

Dura taa’aan Sirna Gadaa Bilisummaa Oromoo Abbaa Gadaa Roobalee Taaddasaa fi dura taa’aan Paartii Bilisummaa fi walqixxumma Dooktar Abduurqaadir Addaam marichi biyya lammiileen barbaadan akka dhugoosuuf Paartileen Siyaasaa karaa tasgabbii fi qajeeltummaan socho’uu qabu jedhan.

Mariin bu’aa qabeessa ta’e akka gaggeeffamu Paartileen Siyaasaa yaadota xixxiqqoo cinaatti dhiisuun dhimmoota biyyoosaarratti xiyyeeffachuu qaban jedhaniiru.

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Diimokraatawaa ummata Argobbaa Mahaammad Abagaaz gama isaaniin, mootummaa cimaa ijaaruun biyyarra darbee Ardiif faayidaa qabaachuun isaa hubatamuu qaba jedhan.

Miseensotaa fi deeggartoonni Paartilee Siyaasaa waloon bu’uu qabeessummaa barichaaf hojjechuu akka qaban hoggantoonni kunneen Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Awwal Abarraatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment