Mareen biyyaalessaa akka milkaa’u hawaasni Siiviilii itti gaafatamummaa isaanii ba’uuf qophaa’uu qabu jedhame

Finfinnee, Bitootessa 26, 2014 (FBC) – Mareen biyyaalessaa akka milkaa’u hawaasni Siiviilii itti gaafatamummaa isaanii ba’uuf qophaa’uu akka qaban Gamtaan Dhaabbilee Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiise.
Dhimmoota seeraa, nageenyaa, mirga namoomaa fi kanneen biroo ijoo ta’anirratti xiyyeeffannoo taasiisuun qophiin godhamaa jiraachuu Daayrektarri gamtichaa obbo Masu’uud Gabayyoon ibsnaiiru.
Mariin yeroo itti aanu gaggeeffamuuf adeemu akka milkaa’u Waldaaleen Siiviilii yaada maddisiisurraa eegalee deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Marichi amanamaa akka ta’uuf dhimmoota hammataa ta’anirratti xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhan.
Qophii duraa hanga ammaa jiru keessatti hanqinoonni muul’atan akka hin deebinee fi mariin itti aanuu milkaa’aa akka ta’uuf hojjechaa jirra jedhan Daayreektarri olaanaan Mirgaa fi Giddu gala dagaagina Diimookiraasii obbo Fiqaaduu Hayiluun.
Itti gaafatamtoonni Waldaalee Siiviilii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin turtii taasiisaniis:- adeemsicha wayita gufuun muudate sirreeffamni akka fudhatamu kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Dhaabbileen waldaalee Siiviilii garaagaraa Komishinii maree biyyaalessaa waliin tumsaan hojjechaaf kaka’umsa olaanaa qabaachuu itti gaafatamtoonni kunneen eeraniiru.
Awwal Abarraatu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment