March 8 hoggantoota raayyaa ittisa biyyaatiin kabajamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 28, 2014 (FBC) – Guyyaan Dubartootaa March 8 hoggantoota raayyaa ittisa biyyaan sirnoota garagaraatin kabajamaa jira.

Guyyaan dubartootaa March 8 sadarkaa idil addunyaatti yeroo 111ffaaf akka Ityoophiyaatti ammoo yeroo 46ffaaf kabajamaa jira.

Kabaja guyyichaarratti Preezdaantiin FDRI Saahilawaq Zawdee fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroon argamaniiru.

Guyyichi sadarkaa biyyoolessaatti mata duree ‘an waardiiyyaa obboleetti kootii’ jedhuun kan kabajamuu yoo ta’u, raayyaa ittisa biiyaatin ammoo mata duree ‘ nageenyaa biyya keenyaa qabsooftuu dubartiin ni mirkaneessina’ jedhuun kan kabajamuu ta’uu ragaan fuula Feesbuukii Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame ni muul’dhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment