Maraatoon Mootars buufata Elektirikaa konkolaattoota chaarjii taasisuu eebbisiise

Finfinnee, Muddee 19, 2014 (FBC)- Maraatoon Mootars buufata Elektirikaa konkolaattoota chaarjii taasisuu fi konkolaattoota elektirikiin hojjetaan 20 guyyaa har’aa eebbisiiseera.

Konkolaattoonni 20 eebbifamaan elektirikaan kan hojjetanii fi “Handa Koina” fi “Handa Ayonk” moggasni jedhamuu laatameeraafi.

Konkolaattoonni kunneen tokkoon tokkoon isaanii Birrii miiliyoona 3.5 akka baasaan ibsameera.

Elektirikaan tajaajila kan laataanii fi boba’aarra bilisa ta’uu isaaniin biyyattin sharafa alaaf baasii baastuurra darbee diinagdee biyyatti ni deeggara jedhameera.

Maraatoon Mootars bara Faranjoota 2023 konkolaattoota % 50 elektirikaan hojjetaan akkasumas 2025 ammoo konkolaattoota guutuumaa guutuun elektirikaan hojjetaan dhugoomsuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Qiddist Birhaanuutu gabaase

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

Comments (0)
Add Comment