Maqeedooniyaan walakkaa guyyaatti Birrii miiliyoona 80 ol galii walitti qabe

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Dhaabbanni gargaarsaa Maqeedooniyaan walakkaa guyyaatti Birrii miiliyoona 80 ol galii walitti qabuu beeksise.
 
Nama gargaaruuf nama ta’uun qofti ga’aadha mata duree jedhuun kan hundaa’e gidduugalli gargaarsaa maanguddootaa fi dhukkubsattoota sammuu Maqeedooniyaan guyyaa kaleessaa galma barkumeetti sagantaa galii walitti qabuu gaggeesseera.
 
Gidduugalichi magaalaa Finfinneetti Hospitaalaa fi iddoo tursiisaaf kan tajaajilu gamoo abbaa darbii 11 ijaarsisaa jira.
 
Sagantaa galii walitti qabuu walakkaa guyyaaf gaggeesseen Birrii miiliyoona 80 ol walitti qabuu isaa ibsameera.
 
Gidduugalichi yeroo ammaatti maanguddootaa fi dhukkubsabtoota sammuu kuma 2 fi 400 ol gidduugalicha keessatti deeggaraa jiraachuu ibsameera.
Comments (0)
Add Comment