Finfinnee, Waxabajjii 10, 2013 (FBC) – Magaalaa Maqaleetti Midhaan deeggarsa namoomaa kuntaalli 400 kuusaa dhuunfaa lama keessatti bu’aa ture eeruu ummataan to’atamuu ibsameera.
Midhaan deeggarsaa Jiibuutii ka’uun kallattiin Magaalaa Maqalee kuusaa Awaash jedhamu keessatti bu’aa ture to’atameera.
Konkolaachisaa fi abbaan Kuusichaa to’annoo jala ooluun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsameera.
Midhaan deeggarsaa kun kutaa magaalaa Laaccii jedhamutti kuusaa lama keessatti wayita bu’aa jiru kaleessa galgalaa fi ganama har’aa harkaaf harkatti to’atamuu himameera.
Naannichatti Qamadiin deeggarsa namoomaaf dhiyaate kuntaalli kumni 4 fi 400 ol namoonni dhuunfaan gurguruuf wayita socho’an to’atamuun kan yaadatamuudha.
Hayilayasuus Siyyuumtu gabaasee.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Https://T.Me/Afanoromofana
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii Fanabc.Com/Afaanoromoo
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.