Maqalee dabalatee magaalonni 27 tajaajila Teelekoomii argatan

Finfinnee, Mudde 19, 2015 (FBC)- Maqalee dabalatee magaalota 27tti tajaajilli teelekoomii kennamuu eegaluu Hoji Raawwachiistuun Ityoo Teelekoom Firehiiwoot Taammiruu dubbatan.

Sababa waraanaan miidhaan kan irra ga’ee Riijinii Kaabaatti Ityoo Teelekoom hojiilee suphaa hojjechaa turuu fi hanga ammaattis Maqalee dabalatee magaalota 27’tti tajaajilli kennamuu eegaluu ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.

Waliigalteen mootummaa federaalaa fi ABUT gidduutti erga mallateeffameen booda Riijinii Kaabaatti Naannolee Amaaraa, Tigraay fi Afaaritti keebil fayiberii, baatirii jenereetaraa fi buufataalee kenniinsa tajaajilaarra miidhaan ga’uun ibsameera.

Suphaan faayibarii kiiloo meetira 981 kan gaggeeffame yoo ta’u, magaalota 27tti tajaajilli telekoomii kennamuu eegaleera.

Magaalota kanneen keessaa dameelee baankii 61 tajaajila kennuuf Ityoo Telekoom waliin akka walquunnaman taasifameera jedhan.

Minichil Azzazaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment